Dhiyaatina dubartootaa toora falmii Oromummaan fiilmiiwwan The Fallen Beats fi Eelaa keessatti: Xiinxala xiinseeneffama dubartummaa
Gadaa Journal · 2026 · 9 (2) · 126-147
DOI: 10.4314/gadaa.v9i2.8 ↗Kurz gefasst
Fachartikel in der Zeitschrift Gadaa Journal, 2026. Verfasst von Kumalee Dalasaa und 2 weiteren Autor:innen. Der Volltext ist frei zugänglich (Open Access, CC BY-SA 4.0).
Abstract (Originalsprache)
Miixuu ciniinnannaan fiilmiiwwan Oromoo erga asfulla’aniin booda xiyyeeffannoo argatanii qeeqa dubartummaan qoratamuu dhabuun ka’umsa qorannichaati. Kaayyoon qorannoo kanaa fiilmiiwwan “The Fallen Beats” fi “Eelaa” keessatti dhiyaatina dubartootaa toora falmii Oromummaan mul’ifame xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaa saxaxa ibsaatti dhimma bahame. Ragaaleen madda jalqabaa hafee fiilmiiwwaniirraa, kan lammaffaa hafeewwan qorannoo, barruuleefi waraabbii haasawa gaggabaaboorraa sakatta’a hafeedhaan walitti qabamaniiru. Ragaaleen hafee fiilmiwwaniirraa iddatteessuu miticarraa-akkayyoon fudhatamanii akka galumsaan ragaalee madda lamaffaan utubaman ta’eera. Kunis mala akkamtaa, xiinxala hafeefi galumsa hafeen hiikkoofi ibsi erga itti kennameen booda xiinxalamee madaalame. Bu’uura kanaan fiilmiiwwanis, ragaan hafee fiilmiwwaniis akkaataa kaayyoo qorannoo galmaan gahanitti fudhataman. Yaaxxinni xiinseeneffama dubartummaa Afrikanummaa xiinxala ragaaleef dhimma itti bahamee jira. Xiinxala taasifameen “The Follen Beats” qabiyyee baateen duudheffama seenessa olaantummaa dhiiraafi gadaantummaa dubartii labsu qisaasessee gara illeenya dubartummaa bu’uuressuutti tarkaanfateera. Mil’uu aadaa qabxii xiyyeeffatamaa taasisuun dhiyaatina fakkoommiwwaniin, muuxannoo falmii dubartoota Oromoo watwaata dhokatee ture asbaasuun agarsiiseera. “Eelaa” keessatti taatota dubartootaa hawaasummaan walbutuchan gochuun hiriirse. Bakka bu’ummaa dubartootaaf kennameen dubartoota gahoomsuufi ergama saba baraaruu bahaachisu keessaa dhabamsiisuun mul’ateera. Toora falmitoota sabaafi qajeelchitoota xurree dubartummaa taasisuurraa bakkas qubas dhabsiise. Bu'aa qorannoo kana irraa ka'uudhaan, falmiin dhimma dubartummaa Oromummaan dhiyaatu kan fiilmii Oromoo keessatti argamu xiyyeeffannoo qeeqa akka ta’uu qabu akeeka. English Abstract The lack of a womanist critique of Oromoo films, which have emerged through intense struggle and gained significant attention, serves as the starting point for this research. The objective of this research is to analyse the representation of women in the struggle for Oromummaa in “The Fallen Beats” and “Eelaa” films. To achieve this objective, a qualitative research approach with a descriptive qualitative design was employed. Data were collected from primary sources (the films themselves) and from secondary sources (including related research, scholarly articles, and short recorded speeches) through document analysis. The film excerpts were selected using purposive sampling and analyzed through textual and contextual content analysis, followed by interpretation and evaluation. Accordingly, the films and the film data excerpts were selected in a manner that met the research objectives. The analysis employed African Womanist Narratology as the theoretical framework. The analysis showed that “The Fallen Beats”, through its narrative content, challenged the ingrained traditions that promote male dominance and proclaim the subordination of women, thereby advancing a womanist perspective. It foregrounds cultural consciousness as its central theme and, through its visual and narrative representation, exposes previously silenced experiences of Oromoo women's advocacy. In “Eelaa”, the female characters were portrayed as being socially antagonistic. The representation given to women diminished the mission of empowering women and fulfilling the role of saving the nation. This portrayal removed them from the position of being national advocates and pioneers of the womanist movement. Based on the findings of this study, the womanist discourse via Oromummaa, found in Oromoo film should be a focus of scholarly critical attention. Keywords: Struggle, film, Oromo, womanist narratology
Zitieren
APA
Dalasaa, K., Egeree, T., & Nugusee, T. (2026). Dhiyaatina dubartootaa toora falmii Oromummaan fiilmiiwwan The Fallen Beats fi Eelaa keessatti: Xiinxala xiinseeneffama dubartummaa. Gadaa Journal, 9(2), 126-147. https://doi.org/10.4314/gadaa.v9i2.8
Vancouver
Dalasaa K, Egeree T, Nugusee T. Dhiyaatina dubartootaa toora falmii Oromummaan fiilmiiwwan The Fallen Beats fi Eelaa keessatti: Xiinxala xiinseeneffama dubartummaa. Gadaa Journal. 2026;9(2):126-147. doi:10.4314/gadaa.v9i2.8
BibTeX
@article{Dalasaa2026,
author = {Dalasaa, Kumalee and Egeree, Tashoomaa and Nugusee, Tafarii},
title = {Dhiyaatina dubartootaa toora falmii Oromummaan fiilmiiwwan The Fallen Beats fi Eelaa keessatti: Xiinxala xiinseeneffama dubartummaa},
journal = {Gadaa Journal},
year = {2026},
volume = {9},
number = {2},
pages = {126--147},
doi = {10.4314/gadaa.v9i2.8}
}
EUVIMED